• Mon. Jan 5th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni maafiyaa PP dargaggoo tokko rasaasaan madeessuun himame

Oct 8, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

Sabboontota ilmaan Oromoo adamsee ajjeesuu fi hidhuu hojii idilee isaa kan taasifate waraanni nama nyaataan Bilxiginnaa, golee Oromiyaa mara keessatti duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni faashistii PP dargaggoo tokko rasaasaan madeessuu maddeen eeran.

Onkoloolessa 4, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Sarbii jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Toleeraa Magarsaa jedhamu badii tokko malee rasaasaan dugda isaa keessa rukutuun madeessanii, yeroo ammaa mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba kan ta’ee fi hawaasa biratti jaallatamummaa guddaa nama qabu ta’uu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading