ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti labsee kan jiru murni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti waraana isaa naamusa waraanummaa hin qabne bobbaasuun maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’eef qabeenyaa irraa buqqisuu jabeessee itti fufee jira.
Akkaataa kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Yemaaloogii Walal keessatti waraanni faashistii PP namoota nagaa 3 ajjeesuu maddeen himan.
Onkoloolessa 5, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Laaloo Ko’ii jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii:
- Obbo Daagim Iggazuu,
- Galataa Shakkuu fi
- Tsaggaa Takilee kanneen jedhaman badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni ajjeefaman kunneen hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabnee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun kan ajjeefaman ta’uun ibsameera.

