• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu-Kaarraatti waraanni faashistii PP dargaggeessa tokko rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, aanaa Mana-Sibuu keessatti hidhaan hammaate

Oct 12, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024

Sirna abbaa irree koloneel Abiy Ahimed jabeessuuf jecha kaadiroonni Bilxiginnaa humnoota waraanaa, poolisii fi milishoota gaachana sirnaa jechuun of waaman gandoota baadiyyaatti bobbaasuun yakkoota mirga namoomaa geggeessuu irratti argamu.

Tumsa uummataa, dhaabbilee fi jaarmiyaa sabicha ni barbaachisaa fi gaachana uummataaf ta’a jedhanii yaadan waraana Bilisummaa Oromoo golgaa godhachuun maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun uummaticha guutuu yakkamaa taasisanii ajjeechaa raawwachaa kan jiran loltoonni sirnichaa kaleessa Onkoloolessa 6, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu-Kaarraatti dargaggeessa tokko irratti ajjeechaa raawwataniiru.

Aanaa Qilxuu Kaarraa irraa waraanni goolessituun PP maqaa sakattaa WBO’n gara ganda Waandii Daallee iddoo addaa Tulluu-Waandii jedhamutti socho’uun dargaggeessa umuriin isaa 20 ta’e, maqaan isaa Daawwit Bultii kan jedhamu maatii biraa qabuun ajjeesuun himameera.

Dargaggeessi ajjeefame kun ganama Sa’a 2:00 irratti maatii isaa biraa kan qabame ogguu ta’u, gara ganda Guyyoo Saccii iddoo addaa Nooraa Saccii jedhamutti sa’a 5:00 irratti ajjeesanii reeffa maatii dhorkachuun eegaa turuun ifoomeera.

Oduu hidhaatiin ammoo aanaa Mana-Sibuu Ganda Guyyoo Sacciitti kaleessa Onkoloolessa 6, 2024 waraanni goolessaan impaayera Itiyoophiyaa dargaggoota lama kanneen maqaan isaani Waaqkennee Abdataa fi Dachaa Galaanaa jedhaman bakka WBO’n jirutti nu geessaa jechuun qabanii hiraarsaa turuun fuudhanii gara mooraa isaaniitti darbachuu  maddeen ifoomsan.

Humni goolessaan impaayerattii waan qabduu fi gadi dhiistu wallaaluun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi saamuu dabalatee gocha farrumma irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis hawaasni ba’uu fi galuu rakkatee wabii jireenyaa dhabuun dararaa argaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading