• Fri. Mar 13th, 2026

WBO’n Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa  magaalaa Qarsaa fi Qancaree keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

Oct 13, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024

Waraanni Bilisummaa Oromoo kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa Oromummaa hadheeffatee uummata nagaa yeroo dheertuuf hiraarsaa ture magaalota lama keessatti mooraatti itti seenuun tiksitoota sirna namtokkee jabeessuuf bobbaate baaruuda itti bobeessuun halkan guyyaa itti fakkeessee injifannoo boonsaa galmeessee jira. 

Tarkaanfii Onkolooleessa 8, 2024 Irree fi gaachanni sabaa WBO’n godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa magaalaa aanichaa Qarsaa keessatti mooraa isheetti itti seenuun tiksitoota Bilxiginnaa rasaasaan akaayee baaruudaan macheessee  loltoota 12 irraa ajjeesuun 18 madoon yoo adabu kan hafte ammoo mooraa keessaa baqachiisee ala facaatee akka bultu taasisee jira. 

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Muneessaa magaalaa Qancarree keessattis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana Bilxiginnaa mooraa ishee keessatti itti seenuun baaruuda ulachiisee 8 yoo irraa ajjeesu 10 madoo taasisee jira.

Lola WBO’n magaalota lamaan kana wal faana lolee irratti kaabinoonni aanichaa sodaa guddaa keessa galuun waraanni waardiyyaa mana isaaniitti akka ramadamaniif gaafachaa jiraachuus maddeen ibsanii jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading