• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti saamichi waraana maafiyaa PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

Oct 14, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024

Murni bilxiginnaa kufaatii hamaan gama dinagdeen isa mudachuu hoggaa baruu fi ergamtoota isaaf illee miindaa ji’aa kaffaluu gaafa dadhabu qabeenya uummata Oromoo saamee of jireessaa impaayera gama maraan kufte akka tiksaniif, sadarkaa olii hanga gadiitti ajaja waliif dabarsuun guutuu Oromiyaatti duula duguuggaa sanyii geggeessaa jiraniin cinatti duula saamichaa labsanii hojjechaa jiru.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa jedhamu keessatti Onkoloolessa 8, 2024 waraanni sirnichaa badii tokko malee nama maqaan isaa Halkanoo Ayyaanaa jedhamu jalaa qotiyyoo cimdii tokko  fuudhuun ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Aanaadhuma kana ganda Shaashii Bagujaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Obbo Amadoo jedhamu jalaa Onkoloolessa 5, 2024 “ilma keetu miseensa WBO’ti” jechuun waraanni PP loon mooraa guutuu fi qabeenya mana keessa jiru tokko osoo hin hambisin fe’atanii saamanii deemuun ibsameera. 

Dabalataan, ganda Fongoo Waabaraa jedhamu keessaa  Onkoloolessa 5, 2024 nama maqaan isaa Jimaaloo Liddii jedhamu jalaa loon 6 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading