ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta’anii Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuun, ajjeesuun, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulquun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkaneessaa raawwachuun tokko immoo madeessanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Abee Dongooroo irraa Onkoloolessa 10, 2024 ganda Kootichaa jedhamu keessaa finxaaleeyyiin Amaaraa akkuma duraan ilmaan Oromoo garmalee miidhuun garaa qabbaneeffachuu baranitti dargaggoo maqaan isaa Deesaa Firdiisaa jedhamu halkan keessaa sa’atii 6:00’tti manatti ol itti seenuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan, akkasumas, nama ammaaf maqaan isaa adda hin baane tokko immoo rasaasaan waaduun madoo ulfaataan madeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.



