ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024
Qe’een uummata Oromoo qe’ee gaddaaf gadadoo erga ta’ee waggoota yoo lakkoofsisu, ajjeechaan namoota nagaa irratti waraana sirnichaan raawwatamu itti fufuun uummatni Oromoo har’as hireen isaa gidiraa keessummeessuu ta’ee jira.
Onkoloolessa 7, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Haroo Koobbaree jedhamutti waraanni sirnichaa yakka tokko malee nama nagaa maqaan isaa Malkaamuu Tarreessaa jedhamu qabuun naannoo Beengaa jedhamutti ajjeesanii gatanii deemnaan achitti waraabessi nyaatee lafee isaa ijoolleen horii tiksitu argitee maatiitti himuu maddeen gabaasan.
Godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Jinbilaa Tuwaanbiitii jedhamuttis guyyaadhuma kana Onkoloolessa 7, 2024 namoota maqaan isaanii Amaad Maammad Alii fi Daawid Tuuraa jedhaman qabuun ganda Qooncaa naannoo kaaffee jedhamutti ajjeesanii gatanii jiru.
Akkasumas ajjeechaan namoota nagaa irratti hidhattoota sirnichaan raawwatamu itti fufuun, godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Fongoo Waabaraa iddoo addaa Akaakiltii Daamaraatti Onkoloolessa 10, 2024 maanguddoo maqaan isaanii Obbo Tarfaa Awwaannoo Kutaanee jedhaman abbaa ijoollee kan ta’an, maanguddoo umurii 60 olii ajjeesuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.



