ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024
Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota dabalataa 62 kan ajjeefaman yoo ta’u, bara darbe irraa eegalee lakkoofsi namoota du’anii waliigalaa 42,289 akka ta’e Ministeerri Fayyaa naannoo sanatti argamu wiixata kaleessaa ibseera.
Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa itti fufee jiru kanaan namoonni gara 98,684 ta’anis madaa’uu ibseera.
Itti dabaluudhaanis, ”Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,” jedheera.
Israa’el murtiin Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii hatattamaan dhukaasa akka dhaabbatu gaafatus, erga Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa garee Falasxiin Hamaas raawwateen booda haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwattu itti fufteetti.
Weerarri Israa’el kun uggura itti fufee jiruun hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu fi qoricha hamaa ta’e uumameen ummata naannoo sanaa hunda jechuun ni danda’ama buqqisee jira.
Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraana kana dhaabuu diduu isaaniitiin walqabatee waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiirraa Gaazaa irra ga’uuf tattaaffiin gidduu seenummaa US, Masrii fi Kaatariin durfamu fashalaa’eera.
Israa’el gocha Gaazaa keessatti raawwatteef Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaattis himannaan duguuggaa sanyii ishee mudateera jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.





