• Thu. Mar 19th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Fantaallee keessatti hidhaa fi reebichi loltoota sirnichaan uummata nagaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe

Oct 22, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024 

Uummanni Oromoo biyyuma abbaa isaa irratti mirga lubbuun jiraachuu dhabuun ajjeechaa, hidhaa, reebichaa fi saamichi daangaa darbe murna biyya bulchaa jirra ofiin jedhu bilxigginaan guyyuma guyyaan dararaan gara jabummaan irratti gaggeefamaa jiru hammatee jira.

Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti Onkoloolessa 14, 2024 waraanni weerartuu kaayyoo hin qabne kan ajaja koloneel Abiy Ahimediin hoogganaman maqaa “caasaa gandaa haaraa ijaaruu “jedhu da’oo godhachuun mooraa ganda” Gidaaraa” jedhamtu irraa ka’uun ummata keessa bobba’anii gara ganda Baddanoota jedhamu dhaquun namoota nagaa irratti reebicha raawwatanii kanneen biroos qabanii deemuu ragaan   jiraattota irraa ONM dhaqabe ni mul’isa.

Kaawoo Bulgaa, Badhaasoo Roobaa fi Qumbii Diiramuu kanneen jedhaman namoota ammaaf maqaa isaanii arganne yoo ta’an, namoota kanneen reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhan. Namoota danuu ammoo jaarsaa fi jaartii daa’imaa fi dargaggoo osoo hin jenne reebicha hamaa irratti raawwachuun biraa deemuu jiraattotni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading