• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii keessatti waraana impaayera Itiyoophiyaa adabe

Oct 22, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024

Hacuuccaa fi dararaa bifa kamiyyuu uummata isaa Oromoo irraa kaasee Oromiyaa walaboomte ijaaruuf halkanii fi guyyaa, bonaa fi ganna akkasumas aduu fi rooba osoo hin jedhiin kan warraaqu leencichi ija barbadaa, gootichi WBO karra shanan Finfinnee dabalatee golee Oromiyaa mara keessatti tarkaanfii guggubduu lukkeelee bilxiginnaa irratti fudhachaa jiru akkaan jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan irree fi gaachanni sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Kaarraa godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii ganda Nimaayii Goollii jedhamu keessatti guyyaa har’aa Onkolooleessa 15, 2024 waraana faashistii PP uummata Oromoo dararuuf bobbaate irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabnee fudhachuun injifaanno boonsaa galmeessee jira.

Guutuu gabaasa kanaa akkaataa nu qaqqabeen isin biraan geenya

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading