ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo hunda haala ittiin dinagdee ilmaan Oromoo quucarsan irratti karoorsaa kan oolan ta’uun kan beekamuu fi karoora isaanii humnaan hawaasa irratti raawwachuu amaleeffatanii jiru.
Haaluma kanaan godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti waajjirri daldalaa magaalichaa daldaltoonni yoo mana cufanii argaman akka manni irratti cufamuuf mari’achuun saaxilameera.
“Daldaltoota heyyama isaanii hin haaromsine sakkatta’uuf yeroo deemnutti daldaltoota akka tasaa mana cufatanii badan haaromsa heyyamaa godhanis dhiisanis mana isaanii cufaa darbaa” jechuun daldaltoota magaalichaa dararuuf qophaa’uu isaanii icciitiin keessoo isaaniitii miliqee ba’e ni mul’isa.
Akkasumas, “yeroo cufamu daldaltoota mana isaanii banachuuf nu bira dhufan qarshii dhibba torbaaf shantama (750) kaffalchiifna, kun immoo bu’aadha” jechuun marii xumuranii gara daldaltoota magaalichaa dararuutti miseensa isaanii bobbaasuun uummata saamaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

