• Tue. Jan 13th, 2026

Hogganaan Gamtaa Afrikaa jeequmsa filannoo booda Mozaambiik keessatti uumame balaaleffatan

Oct 29, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2023 

Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Wiixata kaleessaa ajjeechaa namoota mormitoota ta’an lama irratti Mozaambiik keessatti raawwatame balaaleffachuun namoota yakka kana raawwatan seeratti dhiyeessuuf qorannoon akka gaggeeffamu gaafataniiru.

Namoonni qawwee qaban Dilbata darbe Elvino Diyas, abukaatoo Venankiyo Mondliane, kaadhimamaa pirezidaantii paartii mormituu Podemos rasaasaan rukutanii ajjeesan.

Qondaala paartii Podemos kan ta’e Paawulos Guwambe, magaalaa guddoo biyyattii Maapuutoo keessatti namoonni qawwee qaban konkolaataa isaanii irratti dhukaasa bananiin Diyaas waliin ajjeefameera.

“Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa qaamoleen nageenyaa Mozaambiik qorannoo barbaachisaa akka godhanii fi namoota yakka raawwatan seeratti akka dhiyeessan waamicha dhiyeessa,” jechuun Gamtaan Afrikaa ibsa baaseen beeksiseera.

Podemos bu’aa filannoo gartokkee kan agarsiisu paartiin biyya bulchaa jiru Firelimo kan erga walabummaa argatee walakkaa jaarraa aangoo irra ture dursaa ture mormaa ture.

Biyya Afrikaa Kibbaa kana keessatti ammallee sagaleen lakkaa’amaa jiraatus, Mondilane filannoo kana injifachuu isaa himateera.

Hogganaan Gamtaa Afrikaa kun tasgabbii akka qabaatu kan gaafatan, filannoo waliigalaa Mozaambiik keessatti gaggeeffameen booda bu’aa hordofuu itti fufuu isaanii ibsuun, jeequmsa filannoo booda mudate gabaafamee fi keessumaa ajjeechaa tibbana raawwatame irratti yaaddoo qaban ibsaniiru jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading