ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Aduu dhihee bari’u qe’ee uummata Oromootti gadda uwwisaa kan oolan loltoonni koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun bobbaafaman ajaja mana murtii tokko malee hidhaa qabee hanga ajjeechaatti qorannoo tokko malee duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa raawwachaa jiru.
Onkoloolessa 21, 2024 waraanni goolessaan Bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti jiraataa ganda Lalisaa kan ta’e nama maqaan isaa dargaggoo Waganee Mitikkuu jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaatii qabuun aanichuma ganda Damee Ceekaa iddoo addaa Boolii jedhamutti geessuun haala suukkanneessaa ta’een akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees, nama maqaan isaa Obbo Shallamuu Maammoo jedhamu ammoo qabanii hidhaatti darbachuun reebicha hamaa irraan gahaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggeessi ajjeefamee fi namni hidhame kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun gochi dabaan kun irratti raawwatamuu himu.

