ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024
Murni bilxiginnaa dheebuu teessoo siyaasaa qabuu fi bara aangoo isaa dheereffachuuf jecha loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun kan dur barameen olitti hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu hidhuu, reebuu, saamuu fi ajjeesuu itti fufanii jiru.
Gdina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti ergamtoonni bilxiginnaa uummata nagaa hidhuun reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuun ibsameera.
Onkoloolessa 7, 2024 waraanni faashistii PP aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee jedhamu keessatti dubartoota ulfa dabalatee namoota hedduu kanneen maqaan isaanii:
- Aadde Shukkaaree Likkaasaa,
- Daamuu Moosisaa,
- Burtee Addunyaa,
- Maartaa Alamaayyoo,
- Obbo Addunyaa Dhugumaa,
- Tasfaayee Miidhaksaa,
- Nagaraa Nagaasaa,
- Yaasiin Jamaal,
- Kaabee Warqiisaa,
- Chuuchuu Dirribaa,
- Addaamuu Xurunaa,
- Dhaabaa Hinsarmuu,
- Bareechaa Addaamuu,
- Olaanaa Miidhaksaa,
- Indaalkaachoo Miidhaksaa,
- Taarikuu Hinsarmuu,
- Najjaas Naasir fi
- Shimallis Tafarraa kanneen jedhaman badii tokko malee hidhuun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa sobaa garaa garaa itti maxxansuun hidhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, namoota nagaa hedduu illee ba’uu fi galuu dhorkachuun wayita ammaa hawaasni yaaddoo nageenyaa ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.


