ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Imbaasiin Ameerikaa Siriilaankaatti argamu haleellaan mudachuu akka danda’u beeksisa hin baramneen lammiilee bakka bashannanaa beekamaa ta’e daawwataniif akeekkachiisa imala Roobii kaleessaa kenne.
Imbaasichi akka jedhetti “haleellaa bakkeewwan turistii beekamoo irratti xiyyeeffate akeekkachiisa odeeffannoo amanamaa baha Aruugam Baay argachuu” hime.
Akeekkachiisni kun kan kenname erga barreeffamoonni miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfaman dhaabbileen daldalaa qabeenya Israa’el naannoo sana jiran akka ugguraman waamicha dhiyeessan booda.
Mormiin gareewwan Musliimaa biyya keessaa waraana Israa’el Gaazaa fi Libaanos irratti geggeessaa jiru hawaasa bal’aa saba Eeshiyaa Kibbaa baay’inaan amantii Budiistotaa ta’e kana irraa deggarsa argateera.
Aangawoonni Siriilaankaa irraa deebiin hatattamaa hin argamne, garuu poolisiin nageenya naannoo sanaa cimsee jira.
Erga boombiin Wiixata Faasikaa bara 2019 dhoohe booda lammiilee biyya alaa 45 dabalatee namoota 279 galaafate booda haleellaan Siriilaankaatti raawwatame hin jiru.
Haleellaan qindoominaan hoteelota sadii fi bataskaanota sadii irratti raawwatame garee jihaada naannoo sanaan komatame.
Turizimiin erga bara 2022 dinagdeen odola kanaa kufee booda deebi’aa kan dhufe yoo ta’u, bara kana hanga ammaatti turistoonni gara miiliyoona 1.48 daawwataniiru.
Manni maree nageenya biyyaalessaa Israa’el Roobii kaleessaa Israa’eloonni naannoowwan turistii kibba Siriilaankaa tokko tokko hatattamaan akka gadhiisan gaafateera.
Ejensichi akeekkachiisni kun naannoo Aruugam Baay fi qarqara galaanaa kibbaa fi dhiha Siriilaankaa kan ilaallatu yoo ta’u, “odeeffannoo yeroo ammaa waa’ee balaa shororkeessummaa naannoo turistii fi qarqara galaanaa irratti xiyyeeffate” irraa kan madde ta’uu ibseera.
Manni maree nageenyaa kun maalummaa balaa kanaa sirrii ta’e kan hin ibsine yoo ta’u, Israa’eloonni Siriilaankaatti hafan of eeggannoo akka godhanii fi bakka namoonni baay’inaan argamanitti walga’ii guddaa geggeessuu irraa akka of qusatan gaafateera.
”Dhaabbanni nageenyaa Israa’eel … aanga’oota nageenyaa Siriilaankaa waliin walitti dhiyeenyaan kan wal qunnamu ta’u ibsuun, haala jiru hordofaan jira,” jechuu isaanii AFP fi Rooyiters gabaasaniiru.


