• Sun. Aug 30th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii fi Heexosaatti uummanni gidiraa hamtuu keessa jiraachuun beekame

Oct 31, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024 

Callisuun uummata Oromoo qe’ee isaa irratti guyyaa guyyaan aarsaa hin barabaachifne kaffalchiisaa kan jiru yoo ta’u, murni bilxiginnaas tuffii maal na godhuu fi qawween qabaatti amanuun ilma abbaa biraa gadi baasuun rasaasa itti roobsee ajjeesuu, hidhuu, ganda tokko walitti ibiddaan gubanii barbaadeessuu fi saamicha raawwatan jabeessanii jiru.

Onkolooleessa 21, 2024 aanaa Martii magaalaa Aboomsaa ganda 02 keessatti nama maqaan isaa Mudiin jedhamu nama wadaroo foo’ee gurgurataa ture osoo inni iddoo dalagaa oolee galuuf deemuu WBO biraa dhufta jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeessanii jiru. 

Haaluma wal fakkatuun aanaadhuma Martii magaalaa Aboomsaa keessatti namoota ganda baadiyyaa garaa garaa irraa mana hidhaatti guuruun yeroo dheeraaf hiraarsaa kan jiran yommuu ta’u, namoota hedduu kutaa addaatti galchuun maatii arguu dhoowwanii halkanii fi guyyaa harkaa fi miilla hidhuun ulee elektirikiin gocha suukkanneessaa ilma namaatiif hin barbaachifne irratti raawwataa jira.

Murni abba irree bilxigginnaa kun qeerroo hedduu hiraarsaa kan jiru yoo ta’u isaan keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Tolaa Abdallaa 
  2. Tolasaa Alamuu
  3. Abbaatuu Mayraa
  4. Abushee Nugusee
  5. Alamuu Shuraa
  6. Warquu Jammanaa fi 
  7. Geetuu Warqinaa kan jedhamaniidha.

Aanaa Martii gandoota hundarraa ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa meesha-maleessa halkan akka hirriba nagaa rafanii hin bulle dhorkuu fi eegumsa isaaniif jecha guyyaatti hanga namoota 15 daandii irratti harka duwwaa baasuun “Waraanni Bilisummaa Oromoo akka nutti hin seenne waardiyyaa ba’aa” jedhanii ittiin taphataa jiraachuu namoonni dubbisne ONM’tti himan.

Godinichuma aanaa Heexosaa ganda Jawwii Cilaaloo keessattis hidhaan hammaatee kan jiru yoo ta’u, namoota maqaan isaanii Abbishuu Dilbatoo, Baay’isaa Turaa, Usumaan Sheek Ismoo fi Abdallaa Giishuu kanneen jedhaman Onkoloolessa 19, 2024 bakka Dodaa jedhamuu mana isaaniitii fuudhuun Sibuu Abaadiritti hidhanii jiraachuu jiraattonni ifoomsan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading