• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin namni tokko haala suukkaneessaan ajjeefamuun bakkeetti gatame

Oct 31, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024 

Impaayerri Itiyoophiyaa hammeenyaan guutamuun yaadaa fi kaayyoo uummatummaa malee ijaarsa ishee irraa eegalee hanga har’aatti madaa hin irraanfatamnee fi ol-aanaa ta’e uummata Oromoo irraan ga’uu  itti fufteetti.

Yeroodhaa gara yerootti namoota nagaa homaa keessaa harka hin qabne ajjeechaa suukkanneessaa ta’een galaafachuun gara jabummaa isaa uummata Oromoo irratti agarsiisaa kan jiru waraanni garboomfataa PP, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaatti nama tokko haala suukkaneessaan ajjeesuun bakkeetti gatanii biraa deemuun barame.

Godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa bakka addaa Goda (Gaara Kiyyoo) jedhamutti Onkoloolessa 22, 2024 waaree booda toora sa’atii 9:00’tti hidhattootni sirnichaa nama maqaan isaa ammaaf adda hin baane tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii reeffa isaa lafarra harkisuun bakkeetti gatanii biraa deemanii jiraachuu namoonni ijaan argan ONM’tti himaniiru.

Akka namoonni kun jedhanitti, hidhattootni sirnichaa kun nama kana erga ajjeesaniin booda eenyummaan isaa akka hin baramneef fuula isaa wawwaraananii huccuun ukkaamsanii hidhuun bakkeetti gatanii kan deeman ta’uu himuun, Onkoloolessa 23, 2024 ijoolleen loon tiksan reeffa isaa arguun maatiitti himanii uummanni iyyee walitti yaa’uun nama kana fuudhanii awwalaniiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti gabaasaniiru. 

Akka jiraataan kan biraan tokko yaada isaa nuuf qoode jedhutti, namni hidhattoota murna bilxiginnaan ajjeefame kun eenyummaan isaa akka hin baramne wawwaraananii eenyu akka ta’e baruu kan hin dandeenye taanus, fuunee awwaallee jirra, dabalataan akkuma aanaa Daawaa Caffaatti namoonni fuulli isaanii haaraa ta’ee aanichatti argamee fi hidhamtoonni siyaasaa manneen hidhaa irraa halkan keessaa loltoota murna bilxiginnaan baafamuun yeroo baay’ee qawwee sagalee kenna waan ta’eef, ukkaamsaa fi saanjaa fayyadamuun osoo namoonni kun wawwaatanii ajjeesanii bosona walakkaa fi iddoo balfaatti gataa jiraachuu hadheeffatee  dubbata.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading