ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Erga Koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee imaammanni barnootaa gara kufaatii barattootaa fiduutti jijjiiramuu fi qulqullinni barnootaa gadi bu’aa ta’uu irraan kan ka’e qabxiin barattootaa sadarkaa gad aanaa ta’een galmaa’uu itti fufuun gaaffii namoota baay’ee ta’ee jira.
Kufaatiin barattootaa bara Bilxiginnaa kan hanga ammaatti impaayeeratti keessatti mudatee hin beekne ta’ee kan galmaa’e yoo ta’u, Kunis sababa shira jijjiirraa imaammata barnootaa, qulqullinni barnootaa sadarkaa guddaan gad bu’uu fi nagaa fi tasgabbiin dhabamuun manni barnootaa qubsuma waraanaa ta’ee qorqabiin barattootaa miidhamuu fa’a kan haammateedha.
Haa ta’u malee Bilxiginnaan yeroo ammaa kana manneen Barnootaa sadarkaa 2’ffaa Magaalaa Shaggar kan mootummaa hundaaf leenjii barsiisotaa jedhu irratti Onkoloolessa 21, 2024 mana barumsaa hundaa keessattuu kufaatii barattootaa ilaalchisee barsiisota sababa gochuun doorsiisaa turan.
Barsiisonni sababa qaala’iinsa jireenyaan otoo garaa beela qabanii fi maatiin rakkoo garaa garaan itti iyyuu mar’imaan hidhatanii osoo barsiisanii bilxiginnaan safuu hin beekne rakkoo ofii irra dibuun kufaatii barattootaaf adda durummaan ga’een kan keessan jechuun barsiisota akeekkachiisan.
Akkaataa kufaatii barattoota kanaa manni barumsaa, kutaan magaalaa Shaggarii fi Oromiyaan baasuu akka qaban, madaallii sirnaan gaggeessuu akka qaban akkasumas bu’aa qabxii barattootaatti immoo hiikoo itti kennuu akka qaban leenjii kana irratti yoo ka’u, kun hundi kan rakkoo barattootaas ta’e haala mijataa baruu fi barsiisuuf uumuu irratti waanti inni jijjiirama akeeke hin argamne jedhu barsiisotni magaalaa Shaggar.
Leenjii kana fudhatee barsiisaan hojii irra hin oolchu jedhee jeequmsa kaasuu barbaadu immoo:- tokkoffaa Qaboo Yaa’ii qabachuun gorsatu kennamaaf, lammaffaa of Eeggannoo barreeffamaatu kennamaaf, sadaffaa waajjiratti gabaasatu godhama, arfaffaa irratti mana barumsaa sana irraa kaasnee iddoo fageenya qabu kenninaaf, hin deemu yoo jedhe ji’a tokko booda hojii irraa gaggeeffama jechuun qajeelfa of eeggannoo fi seera Bilxiginnaan dantaa isaaf akkaataa barbaadetti tolfatu kana barsiisota irratti baafatan jechuun hirmaataan leenjii kanaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

