• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti hidhattoota sirnichaan maqaa sakattaa jedhuun saamichaa fi doorsisa jabaa abbootii qabeenyaa irratti raawwachuu daran jabeessan

Nov 1, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024 

Impaayera gama maraan jigaa jirtu Itiyoophiyaa suphuuf jecha loltootni bilxiginnaa ilmaan Oromoo abbootii qabeenyaa ta’an irratti xiyyeeffachuun sababoota ga’aa hin taane itti tarreessanii saamuu fi doorsisuu jabeessanii itti fufaniiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti hidhattootni murna Bilxiginnaa Onkoloolessa 1, 2024 irraa eegaluun bifa adda ta’een ilmaan Oromoo abbootii qabeenyaa ta’an galgala galgala mana isaaniitti itti dhaquun balbala dhiitanii  erga bansiisaniin booda  waan dukkaana isaa keessatti argamu cufa saamanii konkolaataatti fe’achuun, boodarra ammoo mana jireenyaa isaanii seenuun maallaqa fidaa, yoo hin fiddan ta’e asumatti isin ajjeefnee deemna jedhanii sodaachisaa turan.

Yeroo haadholii fi daa’imman rifatanii iyyanitti dhukaasa irratti banuun hawaasa qulqulluu doorsisuu, keessattuu haadholii fi daa’immaniin yoo iyyitan isin qalla jechuun doorsisaa turuu  maddeen magaalichaa dabaluun ibsaniiru. 

Itti dabaluunis gareen saamtotaa murna Bilxiginnaa kun boodarra ammoo mana abbootii qabeenyaa hidhaniitti deebi’uun haadha manaa isaaniin maallaqa fidaa jedhu, yoo isheen homaa hin qabnu jette ni reebu, daa’imman ishee harmeen keenya duute jedhanii gaafa iyyan isaaniinis ni dhaanamu, akkuma magaalaa Sanbateetti dhiittaan mirgoota namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaachuun, qaama itti iyyatanis dhabanii jiraattotni magaalichaa abdii kutannaa fi yaaddoo nageenyaa hamaa keessa galanii jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Lukkeeleen bilxiginnaa adda durummaan  gochoota kana uummata nagaa irratti raawwatanii raawwachiisaa jiranis bulchaa aanaa Jiille Dhummuuggaa Obbo Alii Sayid, Abbaa Dhiiraa aanichaa Obbo Ammee Muhee, itti gaafatamaa milishaa Obbo Alii Abbagaar fi milishaa Umar Kolii ta’uun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading