• Thu. Mar 12th, 2026

Miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa 3 Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana-Sibuu irraa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan 

Nov 1, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024 

Murni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa shakkamtootaa fi garee shororkeessaa deggertan jedhuun yakkee ajjeesuu, hidhuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi hawwan  irratti gudeeddii  kan raawwachisu ta’uu hubannee mooraa cubbuu keessaa miliquun WBO’tti dabalamne jechuun kan himan miseensota raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa WBO’tti makamaniidha

Irra deddeebin mooraan garboomfataa PP diigamuuf wantoonni ijoon qoodinsa sanyummaa,  jibbiinsa Oromummaaf sirnichi qabuu fi yakka namoomaa hawaasa nagaa irratti ta’aa jiruudhas kan jedhan miseensotni waraana impaayerattii turan kunneen, yoo nuti yaada  dhiyeessine furmaanni hin argamu, namoota nagaa ajjeesuun maaliif barbaachise jennee gaafannus sanyummaan ilaalamnee ajjeefamna jechuunis dubbatan.

Loltoonni miseensa waraana Bilxiginnaa turan kunneenis  Onkoloolessa 22, 2024 aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beengu’aa irraa namni tokko yoo dhufu, namoonni lama ammoo Onkoloolessa 23, 2024 bulchiinsa magaalaa Mandii irraa meeshaa guutuun mooraa diinaa gananii ba’uu  hooggansi WBO onichaa ONM’f himeera.

Gama meeshaatiinis qawwee AKM Turkii 2, dachaatuu 1 fi rasaasa hedduu mooricha keessaa baasuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.

Xumura irratti gochoota dabaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa turaniif dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo mooraa diinaa utubaa jiran yeroon mooraa cubbuu irraa ba’anii irree fi gaachana Saba Oromoo kan ta’e WBO’tti dabalamaa jechuunis dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading