• Sat. Sep 26th, 2026

Zoonii Kibbaa koonyaa Gujii Lixaa Aanaa Galaanaa keessatti miseensi raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa tokko hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennate

Nov 2, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Bilxiginnaan ilmaan Oromoo yeroo gara yerootti humnaan guuree leenjii loltummaa sirnaa fi naamusa hin qabne kenneefii saaminsa, dhiittaa mirga namoomaa fi duguuggaa sanyii raawwachiisaa oola.

Ta’us ilmaan Oromoo baay’een isaanii shiraa fi daba Bilxiginnaa kana hubachuun nuti kayyoo impaayera dulloomaa sabaa fi nama aangoo irra jiru tokkoof dhaabbatuuf hin hojjennu jechuun mooraa waraana faashistii PP gananii bakka adda addaatti WBO’tti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Onkoloolessa 24, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa keessatti, miseensi Raayyaa Ittisa Impaayera Itiyoophiyaa tokko qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBO’tti harka kennateera.

Gama meeshaan qawwee AKM Turkii 1, boombii 2, rasaasa 180 fudhachuun mooraa Bilxiginnaa ganee nagaan WBO bira ga’eera.  

Dhuma irratti loltoonni murna bilxiginnaa utubdanii lubbuu keessan dhabaa jirtan yeroon keessaa ba’aa saba keessanii fi qabsoo isaatti makamaa jechuun dhaamsa dabarsuu isaanii gabaasni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading