• Mon. Jan 12th, 2026

Afriikaa Kibbaa fi Somaaliyaan haleellaa Israa’el Iraan irratti raawwatte cimsanii yoo balaaleffatan pireezidaantiin Iraan haleellaa Israa’el raawwatteef deebii sirrii akka kennan dubbatan

Nov 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Afriikaan Kibbaa fi Somaaliyaan haleellaa Israa’el yeroo dhiyootti Iraan irratti raawwatte nageenya naannichaa balaadhaaf saaxilu jechuun cimsanii balaaleffatan.

Ministeerri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Sanbata dheengaddaa galgala ibsa kenneen, “Haleellaan kun mirga abbaa biyyummaa Iraan sarbuu fudhatama hin qabnedha,” jedhe.

Duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwatameen alatti, Israa’el Libaanos irratti boombii darbachuu fi Weest Baankii sirnaan qabachuu isheetiin Baha Giddu Galeessaa keessatti rakkoo gargaarsa namoomaa hamaa fi hammaataa dhufe akka fide ministeerichi dabalee ibseera.

Akkasumas Gaazaa keessatti dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu, gargaarsa namoomaa akka argatu, akkasumas Israa’el lafa Faalasxiin qabachuun itti fuftee jirtu akka dhaabdu irra deebitee ibsteetti. 

Ministirri Dhimma Alaa Roonaald Laamolaan ibsa kennaniin, “Waraanni gaaga’amaa hedduun keessatti mul’ate kun hatattamaan akka dhaabbatu, akkasumas lammiilee nagaa Gaazaa keessa jiraniif deggarsa namoomaa hatattamaa akka godhamu gaafanna” jedhan.

Afriikaan Kibbaas hojii waraanaa Israa’el lafa irraa Bulchiinsa Kaaba Gaazaa keessatti adeemsifamaa jiruu fi haleellaa Hospitaala Kamaal Adwaan, dhaabbata yaalaa isa dhumaa achitti hojjechaa ture irratti raawwatte cimsitee balaaleffatteetti.

“Hojjettoonni yaalaa 44 hidhamuu fi dhaabbileen yaalaa Gaazaa keessaa barbadeessuun seera namoomaa idil-addunyaa cabsuu hamaa dha,” jechuun Lamoolaan dabalaniiru.

Addatti mootummaan Somaaliyaa Sanbata dheengaddaa haleellaa qilleensaa Israa’el Iraan irratti raawwatte cimsee balaaleffateera.

Somaaliyaa ibsa kenniteen hawaasni addunyaa nageenya naannichaa fi ummata ishee eeguuf tarkaanfii cimaa akka fudhatu gaafatteetti jechuun Rooyiters gabaaseera.

Gama biraan haleellaa Israa’el Sanbata ganama Iraan irratti raawwatteef deebii sirrii akka kennan ibsuun, Iraan waraanaatti seenuu akka hin barbaanne garuu ibsuu isaanii Al Arabiyaan ifoomseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading