ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024
Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatameen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinotaa dabalataan 102 kan ajjeefaman yoo ta’u, bara darbe irraa eegalee lakkoofsi namoota du’anii waliigalaatti 43,163 akka ta’e Ministeerri Fayyaa naannoo sanatti argamu Roobii kaleessaa ibseera.
Ibsi ministeerichaa itti dabaluudhaan haleellaa itti fufee jiru kanaan namoonni gara 101,510 ta’an madaa’uu ibseera.
Itti dabaluudhaanis, ”Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalaa fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira gahuu waan hin dandeenyeef,” jedheera.
Murteen Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhukaasa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatus, erga bara darbe haleellaa Hamaas raawwatameen booda waraanni Israa’el haleellaa gara jabinaa naannoo Gaazaa irratti raawwate itti fufee jira.
Weerarri Israa’el kun uggura itti fufee jiruun hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu fi qoricha hamaa ta’e uumuun ummata naannoo sanaa hunda jechuun ni danda’ama buqqisee jira.
Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraana kana dhaabuu diduu isaaniitiin walqabatee, Israa’elii fi Hamaas gidduutti waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiiruu Gaazaa irra ga’uuf tattaaffiin gidduu seenummaa US, Masrii fi Kaataariin durfamu fashalaa’eera jechuun Rooyiters gabaaseera.


