• Fri. Mar 13th, 2026

Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee Waabaraatti dargaggoon tokko waraana maafi’aa PP’n ajjeefame

Nov 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024 

Gantummaa murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti taasise, seenaa baroota abbootii irree darbanii ol ta’uun, deessuun cinniinsuun ajjeefamaa, maanguddoonni ulfina dhabuun dhiitamuu fi kabballaan nyaaramaa, hawwan gudeedamuu, dargaggoonni waanjoo garboomfataan dhaanamaa fi daa’imman hamaa fi tolaa adda baasanii hin beekne isinaayperaa fi dirooniin mataan irraa faca’aa jira. 

Kanumaan kan wal-qabatu jiraataa godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa ganda Harroojjii-Walbaataatti dhalatee kan guddate dargaggeessa maqaan isaa Muuzammiil Namoomsaa jedhamu shakkii Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhuun qabamee aanaa Sadan Canqaatti baatiilee dheeraaf hidhamaa turuun Onkoloolessa 29, 2024 ajjeefamuun dhagaa’ameera.

Dargaggeessi ajjeefame kunis akka odeessi nu dhaqqabe addeessutti, abbaan isaa dhukkubsachuun garaa baqaaqfatee mana yaalaa ciisaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, haati isaas torban darbe keessa akka duute ibsameera.

Maatiin dargaggeessa ajjeefame kanaas torban tokko keessatti gadda ulfaataa, haadhaa fi ilma dhabuun qorqalbiin hedduu miidhamanii akka jiranis jiraattonni dabaluun ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading