ONM-ABO Sadaasa 3, 2024
Beekumsa waraanaa tokkollee kan hin qabne waraanni maafiyaa PP, akkuma argan bobbaafamuun rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi amala dagannoo waraanummaa agarsiisaa oolaniin waliidhuma isaaniin walitti galagaluun lubbuu walii isaanii balleessaa fi wal madeessaa kan jiraniidha.
Akka kanaanis aanaa Cawwaaqaa araddaa buufata 7’ffaa jedhamu keessaa gaafa Onkoloolessa 30, 2024 waraanni maafiyaa impaayerattii da’oo qotattee osoo teessuu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo itti seenee simboo waraanummaa ishee irraa buusuun hoggaa ari’ee gara aanichatti gugsu, lukkeeleen Bilxiginnaa humna dabalataa waliif birmaachuuf aanaa irraa gara buufatichaatti fiigdu, ergamtoota duraan achii Waraana Bilisummaa Oromoon ari’amte waliin walitti ba’uun dhukaasa wal irratti bananiin madoo ulfaataa fi ajjeechaa walii isaaniitii wal irratti kan raawwatan ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Akka maddeen himanitti lukkeeleen Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo baqachuun humna dabalataa hoggaa waammatan walii isaaniitii walitti dhukaasuun wal miidhaniiru. Dhukaasa kanaanis loltoonni Bilxiginnaa 3 battalatti hoggaa du’an lama immoo madoo damdammii hin qabneen wal miidhuun isaanii barameera.


