ONM-ABO Sadaasa 2, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin kabajne ta’uun, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne waan ittiin hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkan karoorsuun miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran ta’uun, godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddoota adda addaa irraa jiraattonni reebicha hamaa argaa jiraachuu fi gara leenjii waraanaatti guuramaa jiraachuun himamee jira.
Aanaa Shanan Dhuugoo araddaa Waltaasis jedhamu keessatti lukkeeleen waan garaa isaanii qofa yaaduun hawaasa nagaa dararaa oolan “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun loltoonni Bilxiginnaa Onkoloolessa 30, 2024 namoota maqaan isaanii Mahaammad Aliyyii fi Sulxaan Nuuree jedhaman mana isaanii keessaa qabuun reebicha ulfaataa qaama laalessu irraan gahuun namoonni kunneen yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu kan jiran ta’uu maddeen ONM’tti himan.
Aanaadhuma kana araddaa Barakaa jedhamu irraa immoo, lukkeeleen bilxiginnaa milishaa fi riphee lolaa jedhamuun waamaman hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkatu maqaa “buusii kaffaluu diddan” jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Naasir Mahaammad,
- Wubin Muummee,
- Ariif Adam,
- Naasir Eliyaas,
- Aliyyii Muummee,
- Muusaa Abraahimii fi
- Hamzaa Ismaa’el jedhaman Onkoloolessa 29, 2024 ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii dararaa hamaa irraan gahuun gara leenjii waraanaatti erguuf doorsisaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

