• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbee fi  Hawwaa Galaan keessatti hidhaa, ajjeechaa fi saamichi jiraattota irratti waraana PP’n jabaatee itti fufe

Nov 4, 2024

ONM-ABO Saddasa 1, 2024 

Gidirsiisota ilma namaa kan ta’an goolessitoonni waraana impaayerattii guyyaa tokkoof boqonnaa uummataaf laatanii hin kan beekne goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaalee garaa garaa itti maxxansuun gochoota namni keessaa hin qabneen hidhuu, saamuu fi ajjeechaa raawwachuun qe’ee ilmaan Oromootti gadda uwwisaa oolu.

Erga gara bulchiinsa impaayerattiitti dhufee kaasee dhiiga namoota nagaa dhangalaasuu hojimaata kan godhate koloneel Abiy Ahimed shiftootaa fi saamtota tiksitoota barcuma aangoo isaa qe’ee uummataatti bobbaasuun dararaa hamtuu ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jira.

Onkoloolessa 27, 2024 Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Waayyuu Diillaa magaalaa Liqixii keessatti saamicha qabeenya namoota irratti geggeessan. 

Namoonni saamaman kunis: 

  1. Jamaalaa Amuumee jalaa loon 17, 
  2. Maadiyaa Idiris jalaa loon 2, 
  3. Yaasin Shoonaa jala loon 12, 
  4. Badirii Shoonaa jalaa  loon 2, 
  5. Yaayyibaa Amuumee jalaa  loon 9, 
  6. Margee Raagaa jalaa ammoo loon 6 fi hoolota 2  yoo fudhatan nama maqaan isaa Sulxaan Jibiriil jedhamu ammoo reebicha ulfaataa irraan ga’uun gara aanichaatti fuudhanii akka deeman maddeen ONM’tti himan.

Oduu ajjeechaan ammoo faashistoonni murna PP kun gochoota diinummaa isaanii uummata irratti jabeessuun gara laafina tokko malee ilmaan Oromoo saamuu,ajjeesuu, hidhuu fi qe’ee irraa godaansisuu cimsanii itti fufanii jiru.

Onkoloolessa 28, 2024 dargaggoo maqaan isaa Kadir Gurmeessaa jedhamu waggaa tokkoo oliif hidhaa erga turanii booda halkan keessaa toora sa’a 9’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himan.

Godinichuma aanaa Hawwaa Galaan magaalaa Gabaa Roobii keessatti Onkoloolessa 29, 2024 barataa tokko kan maqaan isaa adda hin baane dhalataa ganda mojoo kan ta’e magaalicha keessa taa’ee barachaa kan jiru sababa tokko malee galgala keessaa toora sa’atii 12:00’tti marfata irratti rasaasaan rukutuun ajjeesanii deemuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading