ONM-ABO Sadaasa 1, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa qooda hojjetaa akka ogummaa isaatti kabajuun hojii hawaasa tajaajiluutti bobbaasan faallaa kanaa barsiisota dabalatee doorsisa, hidhaa, kaffaltii isaan ji’aan argatan irraa dhaabuu fi gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, kanuma hordofuun Naannoo Oromiyaa irraa barsiisonni haaraan ramaddiin gara godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti ergaman qacarrii malee baatii lamaaf ta’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka odeeffannoon ONM qaqqabe addeessutti, barsiisonni haaraan ramaddiif gara godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti ergaman sababa bakkaa fi baajata hin qabnu jedhuun osoo hin qacaramin baatii lamaaf dararamaa kan jiran ta’uun beekameera.
Itti aantuun Waajjira Barnootaa Magaalaa Jimmaa Waldaan barsiisota magaalichaa Oromiyaatti isin deebisna yoo jettu Waldaan Barsiisotaa Magaalaa Jimmaa ammoo sababa yeroo isaanii jalaa gubdaniifuu seeraan gaafatamtu, yeroo gabaabaa keessatti bakki laatamuufii qaba jechuun wal dhibdeen yaadaa gidduu isaaniitti mul’achaa jiraachuun ibsameera.
Akkasumas, ramaddii mirkaneessuu kan dide Kantiibaa magaalichaa fi waajjira Siivil Serviisii akka ta’ee fi yeroo ammaa kanas erga yeroo isaanii jalaa gubanii booda isiniif bilbilla jechuun sobaan of irraa deebisanii jiraachuu maddeen itti dabaluun dubbataniiru.

