• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti barattootaa fi hawaasa hidhaatti guuruun cimee itti fufe

Nov 5, 2024

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024  

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruun dararuu cimsee itti fufuun, godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti barattootaa fi hawaasa hidhaatti guuranii dararuun cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaa jedhamu irraa torban darbe namootni maqaan isaanii Kaamil Mahaammadii fi Nadhii Mahaammad jedhaman lukkeelee Bilxiginnaan garmalee reebamanii hidhaatti darbatamanii jiru. Namoonni kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii idilee isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan ta’uu jiraattonni araddichaa ONM’f himaniiru.

Ergamtoonni bilxiginnaa kunneen dararaa hawaasa irratti raawwatan jabeessuun araddaa Rahaa jedhamu keessaa Sadaasa 1, 2024 ijoollee barattootaa mana barumsaa irraa galaa jiran kanneen maqaan isaanii:

  1. Misbaa Mahaammad,
  2. Imaam Abdii,
  3. Jaabir Jamaalii fi
  4. Ibsaa Mahaammad jedhaman badii tokko malee harka isaanii duubatti hidhuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii reebicha hamaa irraan gahaa kan jiran ta’uu jiraattonni araddichaa ONM’f addeessanii jiru.

Dabalataanis, aanaa kana keessaa dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni hedduun ukkaamfamuun leenjii waraanaatti kanneen guuraman hedduun ergamtoota sirnichaa jalaa hoggaa miliqan dargaggoon maqaan isaa Sulxaan Jamaal jedhamuu fi kan biroo maqaan isaa adda hin baane tokko immoo torban tokko dura butamuun hanga ammaatti waajjira poolisii magaalaa Waldayaa jedhamu keessatti garmalee dararamaa jiraachuunis dabalataan ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading