• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa saamuu fi doorsisaa jiraachuun himame

Nov 7, 2024

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024 

Ji’oota darban keessa bilxiginnaan kaabinoota ishee magaalota godinaalee Oromiyaa garaa garaa irratti waltajjii waamuun marii dhoksaa geggeessaa kan turan ta’uu yeroo darbe irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Kanumaan walqabatee dhimmi marii isaanii inni ijoon maatii qabsaa’otaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa godaansisuu akkasumas saamuu kan jedhu irratti walii galuun marii isaanii xumuruun caasaa olii hanga gadiitti ajaja waliif kennuun yeroo ammaa kanas hojiitti seenanii kan jiran ta’uun ni beekama.

Godina Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota hunda keessatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa hariiroo siyaasa qaama kamiiyyuu hin qabnee fi ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo walqabaa jiraatu “ijoolleen keessan yookaan firri keessan kan miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’e hunda dafaa galchaa yookaan osoo lubbuun isin keessa jiruu ibiddaan isin gubna” jechuun gocha farra namoomaa waggaa darbe godina Gujii Bahaa keessatti maqaa WBO deggerta jedhuun jiraataa tokko irratti osoo inni lubbuun jiruu gubaatii ibiddaa irratti raawwatan sana yaadachiisuun doorsisaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees kaffaltii jechuun tokkoon tokkoo hundee biqilaa isaan qabanitti maallaqa shallaguun saamaa jiraachuu fi kaffaltii gibiraa jechuun kan dur kaffalaniin dachaa saamanii dinagdee isaanii quucarsuun egeree isaanii dukkanaan golgaa kan jiran ta’uu jiraattonni itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading