ONM-ABO Sadaasa 12, 2024
Murni akka mootummaatti of ilaalu silaa uummata isaaf dawoo ta’uun osoo isarra jiraatuu faallaa isaa waan mootummaan tokko uummata isaaf dalagu dhiisuun uummaticha gara badii fi hirkattummaatti qabeenyaa isaanii harkaa mancaasuu fi saamuun harkisaa jira.
Gareen saamicha raawwachuun uummaticha dinagdee fi karaalee hedduun duubatti harkisaa jiru kun godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Gallabee Buusaa keessatti Sadaasa 10, 2024 sababa WBO’n bakkichatti tarkaanfii fudhate qofaaf isinitu nu lolchiise jechuun uummata harka duwwaa qabeenya isaanii saamuun manneen isaanii mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni himu.
Namoonni qabeenyi isaanii saamamuun manneen isaanii jalaa gubate kan maqaa arganne:
1. Huseen Ahimed,
2. Qamaree Bakaroo,
3. Muktaar Muhaammad,
4. Ibraahim Huseen,
5. Abdii Muktaar,
6. Mahaammadnuur Kadiir fi
7. Abdallaa Ahimed kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni kunneen dabaluun jedhanitti namoonni kunneen yeroo ammaa golgaa tokkollee dhabuun haala yaadessaa keessatti kufanii jiraachuu fi wantoota bu’uuraalee jiraachuu dhala namaaf barbaachisan dhabuun bosonatti baqatanii rakkoo hamtuu keessa jiraachuu dubbataniiru.
