ONM-ABO Sadaasa 16, 2024
Murni garboomfataan PP afaaniin nagaa labsaa kutaalee Oromiyaa cufa keessaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa, adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa akkasumas mana irratti gubuu jabeessee jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa gama isaaniif danda’ame maraan dararuu amaleeffatan hiraarsaa hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan akka ciminaatti lakkaawwachuu fi qaama isaanii olii gammachiisuuf aanaa Cawwaaqaa araddaa Burqaa Barakaa irraa Sadaasa 14, 2024 manneen hawaasaa lakkoofsaan 100 ol ta’an afoosha 2 guutummaa isaa gubuu jiraattonni ONM’tti himan.
Akka jiraattonni himanitti, uummanni gandichaa siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu fi hojii dhuunfaa isaa qonna qofa irratti xiyyeeffachuun dalagatanii kan bulan ta’uu himuun, loltoonni goolessituu Bilxiginnaa immoo maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun manneen jiraattota gandichaa jumlaan qabeenya mana keessa jiru hunda waliin barbadeessuu isaanii himu.
Torban darbe keessa aanaadhuma kana araddaa Caffee Magartuu irraa manneen 200 ol ykn afooshaa 3 guutummaatti barbadeessanii jiraachuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.


