ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Saba guddicha Gaanfa Afrikaa fi hortee Kuush angafa qaroominaa kan ta’e uummanni Oromoo cubbamtuu impaayera Itiyoophiyaa keessatti hacuuccaa sirna alagaan baroota dhufaa darbaa saboota hunda impaayerattii keessa jiraatan irraa addatti irra ga’uun gidiraa hamaa argaa har’a ga’uun kan yaadatamuu fi addatti ammoo bara Bilxiginnaa mootummaa shiftaa afaan guutee ani Oromoodha ofiin jedhuun kan baroota darbaniin olitti ganna 6 oliif duulli qindaa’aan duguuggaa sanyii irratti raawwatamaa jira.
Jiraataa aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Kamaal Adam jedhamu Sadaasa 15, 2024 waraanni sirnichaa badii tokko malee iddoo addaa Daallasii jedhamutti rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa sobaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun ajjeefamuun ibsameera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun aanichuma ganda Maaruu Daallasii jedhamu irraa Sadaasa 12, 2024 nama maqaan isaa Usmaa’el Xahaa jedhamu badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo faashistootni koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman Sadaasa 14, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gumaa Gaara Arbaa jedhamutti saamicha uummata nagaa irratti raawwataniin namoota maqaan isaanii:
- Alii Mahaammad jalaa saawwa 18
- Yuusuf Mahaammad jalaa saawwa 16
- Bariisoo Aammee jalaa ammoo mana isaa gubuun loon 6 jalaa yoo fudhatan, jimaa sangaa lamaa fi hundee muuzii 27 jalaa muranii balleessuun gochoota badii raawwachaa ooluun barameera.
