ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Abdii fi wanteen sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo ergamtoota murna Bilxiginnaa impaayera bututtuu Itiyoophiyaa suphuun sirnicha teessoo irra akka bubbulchaniif Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti du’aa fi madoon adabee salphisee of booda deebisaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa Sadaasa 17, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee iddoo addaa Gaara Diimaa jedhamutti waaree booda sa’a 10:00 irraa eegaluun lola WBO’n loltoota sirnichaa waliin hanga dhiha aduu sa’a 12:00tti taasiseen humna diinaa irraa 4 battalatti ajjeesuun madoo hangi isaa hin beekamneen dabee adabeera.
Haleellaa jajjabduu WBO’n Zoonii Kaabaa ergamtoota maafiyaa PP uummata Oromoo jumlaan ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi manneen irratti gubuun hawaasa nagaa gidirsaa turte irratti fudhate kanaanis humna faashistii PP du’aa fi madoon adabee kan hafte baaraguun of booda deebitee jiraachuun ifoomeera.
Tarkaanfii WBO’n fudhatu hanga bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti jabaatee itti fufa ❗️
Bilisummaan dhiigaan ni dhufa ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof ‼️
