ONM-ABO Sadaasa 18, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun dararaa ulfaataa uummata irratti geggeessaa kan jiran yoo ta’u, godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti jiraattota irratti hidhaa, saamichaa fi reebicha raawwataa jiraachuun ibsameera.
Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Qabsoo jedhamu irraa ergamtoonni bilxiginnaa dararaa isaanii garmalee jabeessuun Sadaasa 13, 2024 namoota maqaan isaanii Obbo Hasanee Ahimadii fi Obbo Abdullaa Habiib jedhaman “ilmaan keessan dhokfattan” jechuun reebicha hamaa ta’e irratti erga raawwataniin booda ijoollee isaanii dargaggoota maqaan isaanii Abdallaa Hasanee fi Ibsaa Abdullaa jedhaman harka duubatti hidhuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun kan reebamanii fi hidhamanii dararaa hamaa argaa jiran ta’uu himuun, aanicha keessatti rakkoowwan ulfaatoo ta’an lukkeelee Bilxiginnaa kanaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu dubbatu.
Kana malees, gibira humnaan olii jiraattotatti fe’uun giddu galeessaan namni tokko qarshii 5,000-8,000 dirqamaan kaffalaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.
