• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti hidhattoonni PP saamicha qabeenyaa hawaasaa irratti raawwachuu yoo jabeessan, Aanaa Sayyootti hidhaa hammeessan

Nov 18, 2024

ONM-ABO Sadaasa 18, 2024 

Impaayerri Itiyoophiyaa erga ijaaramtee kaaftee jiruu fi jireenya uummata Oromoo barbadeessaa, ajjeesaa fi hidhaan dararaa, maqaa sirnaa jijjiiruun waanuma karoora isaanii wal irraa fuudhuun uummata nagaa malee hammeenya hin beekne, jiruu fi jireenya isaa dukkaneessuun har’allee sirni Bilxiginnaa goochotuma sirnoonni duraanii raawwachaa turan irra caalaatti hammeessee jiruu fi jireenya Oromootaa golgoleessaa jira.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yettii Qonqii iddoo addaa Duurii jedhamtu keesatti hidhattoonni PP nama maqaan isaa Ibraahim Adaa jedhamu irratti dhukaasa banuun inni lubbuun yoo harkaa ba’u re’oota saddeet fi bilbila dabalatee qabeenyaa isaa saamuun beekamee jira.

Akka jiraattotni  gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, “murni Bilxiginnaa afaan damma dibatee afaaniin nagaa lallabaa hojiin ammoo jiruu fi jireenya keenya mancaasaa lafarraa nu duguugaa jira, lafa dhihee bari’uu qe’een keenya qe’ee imimmaanii ta’eera kan jedhan jiraattotni, waaqaa gaditti Waraana Bilisummaa Oromoo malee wabii biraa hin qabnu isa tumsinee hiree uumaan ganamaan nuuf kenne faallessee, garboomfataa nu irratti roorrisu kana of irraa cabsinee Bilisummaa fi walabuumaa dhugaa sana fidachuu qabna” jechuudhaan akka dhaamsaatti ONM’tti himan.

Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo Sadaasa 13, 2024 waraanni faashistii PP aanaa Sayyoo ganda Abbaa Jaarraa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Fiqaaduu Jaarraa fi
  2. Geetaachoo Dilbuu jedhaman maatii isaanii waliin mana jireenyaa isaaniitii qabuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen jedhanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii dararamaa jiraachuu himu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading