ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta’anii uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Abee Dongooroo bakkeewwan adda addaa mandheeffachuun yeroo yerootti ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo raawwachaa kan jiran finxaaleeyyiin Amaaraa ganda Loomicaa bakka addaa Bijjiit jedhamu irraa Sadaasa 14, 2024 nama maqaan isaa Obbo Tashoomaa Abbabaa jedhamu jalaa loon 26 fi harroota 2 fudhatanii jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni kunneen himanitti, ganda kana malees ganda Caaltee jedhamu irraa guyyuma kana sagalee sirbaa fi dhukaasaa dhageessisaa waan turaniif hawaasni naannoo sanaa yaaddoo hamaa keessa galanii turuu itti dabaluun dubbatan.

