• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun akkaan cimee itti fufe

Nov 19, 2024

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Murni garboomfataan PP umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraana isaa impaayerattii tiksuuf fedhii tokko illee hin qabne bobbaasuun yeroo adda addaatti tarkaanfii gootichi WBO irratti fudhataa jiruun humni waraanaa jalaa haphachuun hedduun ammoo guyyuun harka kennachaa jiraachuun, egeree impaayerattiif yaaddoo guddaa waan ta’eef yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin ukkaamsuun gara leenjii waranaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan ergamtoonni sirnichaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyootti kanneen dargaggoota ta’an gara leenjii Raayyaa Ittisa Impaayerattiitti kanneen mana dhaabbatan ammoo gara leenjii milishummaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda Ifa Galaanoo jedhamu keessaa Sadaasa 15, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Toomaas Abdiisaa,
  2. Moosaa Ifaa,
  3. Jiraataa Mul’ataa,
  4. Lammeessaa Milkii,
  5. Geetaachoo Shifarraa,
  6. Hambaa Ahimed fi kanneen biroo hedduu ta’an leenjii waraanaaf ukkaamsanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru. 

Murni faashistii abbaa irree kun afaaniin mootummaa Oromooti ofiin jechaa faallaa isaa ammoo uummata Oromoo irratti loltoota isaa bobbaasuun duguuggaa sanyii raawwachiisaa kan jiruu fi yeroo ammaa kana ammoo akkuma guutuu Oromiyaatti maqaa leenjii waraanaa jedhuun hawaasa nagaa ba’uu fi galuu dhorkachaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading