• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti hidhattoonni PP barattoota ukkaamsuun hidhaan dararaa jiraachuun dhagaa’ame

Nov 20, 2024

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Impaayerri Itiyoophiyaa erga ijaaramtee kaaftee, mootonni habashaa wal harkaa fuuchuun bulchaa turan ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban badii isaanii malee hidhuu fi ajjeesuu aadeffatan har’as Bilxiginnaan gochaa kana goleewwan Oromiyaa mara keessatti jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan sirni abbaa irree bulchiinsa impaayerattii harkaa qabu Abiy Ahimed har’as jibbiinsa barattoota Oromoo irraa qabu jabeessuun  godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Bijjiit iddoo addaa Igguu Bijjiit jedhamtu keessaa barattootni kutaa 9’ffaa baratan, barattootni barnoota isaaniitti qaxalee ta’an osoo mana barnootaa irraa gara mana isaaniitti deebi’aa jiranii hidhattoota Bilxiginnaan ukkaamfamuun mana hidhaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii keessatti hidhamanii dararamaa jiru.

Barattootni gabatee barnoota isaanii irraa badii tokko malee qabamuun hidhaman maqaan isaanii:

  1. Yohaannis Horataa,
  2. Abdii Luuccee fi 
  3. Abdii Tamasgeen kanneen jedhaman yoo ta’an, erga hidhamanii baatii tokkoo ol akka ta’e maddeen ibsaniiru.

Murni faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo baratanii akka galma hin geenyeef qormaata seensa yuuniversitiin kuffisaa fi maqaa Exit Exam’n hojii ala gochuun cinaatti waan ta’uu fi hin taane akkasumas sababa waliin isaa hin beekamneen hidhaa fi ajjeesaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading