ONM-ABO Sadaasa 21, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa, yeroo ammaa kana akkuma guutuu Oromiyaatti jiraattota jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufuun, Baha Shaggar aanaa Dugdaatti namoonni hedduun jumlaan leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuun ibsameera.
Yeroo ammaa kana aanaa Dugdaatti ergamtoonni sirnichaa humnaa ol bobbaafamuun hawaasa nagaa dararaa kan jiranii fi jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, Sadaasa 19, 2024 gandoota akka Shubii Gamoo fi Tuchii Sumayaan jedhaman keessaa namootni maqaan isaanii:
- Odaa Foollee,
- Ashuu Bulaa,
- Shugguxaa Miidhaksoo,
- Fayisaa Kirkaboo,
- Baatee Abataa,
- Biraanuu Borii,
- Ayyaanoo Garjoo,
- Buloo Damisee,
- Guutaa Gammadaa fi kanneen biroo hedduun fedhii isaanii malee milishoota sirnichaan leenjii waraanaaf ukkaamfamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattotni himanitti, yeroo ammaa kanas akkuma aanichaatti maqaa caasaa gandaa deebisuu jedhuun milishoonni sirnichaa humnaa ol gara gandoota baadiyyaatti bobbaafamuun hawaasa ba’uu fi galuu dhorkachaa jiraachuu himuun, gandoota kanneen irraa abbootiin warraa fi qeerroon leenjii waraanaaf ukkaamfaman hanga ammaatti baay’inni isaanii 80 ol ta’uu dubbataniiru.





