• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaa keessatti waraanni sirna PP saamichaa fi hidhaa akkasumas gudeeddii hammeessan

Nov 22, 2024

ONM-ABO Sadaasa 20, 2024 

“Kan baduuf ka’e nama galaafata akkuma” jedhan humni badee balleessaan Bilxiginnaa, rakkoo siyaasaa fi dinagdee impaayerattii addunyaa jalaa dhoksuuf fuula miidiyaatti ba’ee waan hin jirre jiraa, isaa jiruun ammoo hin jiru jechuun dubbii qabatamaa hin qabne karaa koloneel Abiy Ahimed fi ergamtoota isaa dubbachaa oolus, lafa irratti garuu karoora uummata jiilchanii yeroo dheeraaf bitan baafatanii dararaa hamaa geggeessaa oolu.

Akkaatuma kanaan waraanni uummata Oromoo akka saamaniif bobbaafaman godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifabaas Coree keessatti Sadaasa 19, 2024 nama maqaan isaa Obbo Mahaammad Abdallaa jedhamu ati walga’ii keenya dhufuu didde jechuun qotiyyoo qarshii 50,000’tti tilmaamamu jalaa qalachuun nyaatan.

Waraanni naamusa waraanummaa fi marartoo uummata isaaf hin qabne nama maqaan isaa Ammad Yuuyyee jedhamu ammoo ati hidhata WBO qabda jechuun nama guddaa hawaasicha gidduutti kabajaa qabu abbaa Afooshaa naannichaa kan ta’e qabanii reebuun hidhanii hirarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading