🍀#Ibsa_Ejjennoo fi Gaaffii Mirgaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii #Arsii irraa kenname!
“““““““““““““““““““
Uummanni Oromoo dur-bara moototaa irraa kaasee, hanga har’a irra jirru kanaatti ajjeechaa, hacuuccaa, reebichii fi hidhaan irraa dhaabbatee hin beeku. Akkasumas, uummanni Kun Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaan kufee, bitamee bara hunda akka jiraatu karaa hundaan irratti hojjetamaa as-gahe. Haati Oromoo fi Abbaan Oromoo boohicha ‘Wayyoo Ilmakoo’ jedhuu fi ‘Wayyoo Intalakoo’ jedhu addaan hin kunne. Qabeenyi nuti qabnu osoo dargaggeessi Oromoo beelahuu halagaan saamamee dhumaa jira. Osoo qabeenya keenyatti fayyadamuuf, mirga karaa seeraas karaa uumamaas qabnuu, faallaasaa garuu qabeenyi uumamaa Oromoo, uummata Oromoodhaaf diina waan bite fakkaata.
Har’as, uummanni Oromoo isa durii caalaa ajjeefamuun jabaatee itti fufee jira. Uumanni kun har’a hiree tokkollee dhabee ilmaan Abbaa hin qabne fakkaatee jira. Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo irraa mulqamee gochi sanyii duguuggaa uumata kana irratti taasifamaa jira. Nuti barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Arsii uummata Oromoo Haadhaa fi Abbaa keenya bakka buunee mirga lubbuun jiraachuu keenyaa fi uummata keenyaaf cichinee ni falmanna; gaaffii mirgaas gaafachuu itti fufna. Hanga Mootummaan ‘ibsa ejjennoo’ gaaffii uumataa kana irratti qabu kennuu fi tarkaanfii fudhatamuu qabu fudhachuu eegalutti barnootaaf daree akka hin seenne beeksisuu barbaanna. Gaaffii ijoo nuti Mootummaa gaafachuu barbaannuu fi wantoonni nuti Mootummootaa fi dhaabbilee mirgoota Namoomaa Idil-Addunyaatti agarsiisuu barbaannu:
1) Mootummaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu uumata Oromoo kabajuu qaba.
2) Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu uumata Oromoo gaaffin bu’uurati waan ta’eef kabajamuu qaba.
3) Uummanni Oromoo akkuma Saba kamiiyyuu hidhannoo ‘Qawwee’ ittiin of ittis kan uummaticha gitu hidhachuu qaba.
4) Daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba.
5) Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo kabajamuu qaba.
6) Humna finxaaleyyii nafxanyaa ‘Faannoo’ daangaa Oromiyaa keessaa hatattamaan Mootummaan qulqulleessee baasuu qaba.
7) Mirgi Barsiisota keenyaa kabajamuu fi gaaffiin Barsiisota keenyaa deebii quubsaa argachuu qaba.
Sadaasa, 21/2024 G.C
Qeerroo Yuunivarsitii Arsii
