ONM-ABO Sadaasa 24, 2024
Yakkoota gara jabinaa fi suukkanneessoo ta’an garaa garaa uummata Oromoo irratti raawwachuu hojii idilee isaanii kan taasifatan ergamtoonni maafiyaan PP goleewwan Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun yakkanii hidhuu, ajjeesuu, saamuu, qe’ee fi qabeenya isaa ibiddaan jalaa barbadeessuu cimsanii itti fufanii kan jiran ta’uun ni beekama.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Mootii Qawoo iddoo addaa Qawoo jedhamu irraa Sadaasa 19, 2024 waraanni maafiyaan impaayerattii namoota maqaan isaanii:
- Indaganaa Gammachuu,
- Kabbabaa Kabbee,
- Xiiqii Agidoo fi
- Kabaa Agidoo kanneen jedhaman jalaa oomisha isaan walitti qabatan tuullaa xaafiitti ibidda shiduun barbadeessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi ergamtoonni sirnichaa ammoo sobaan yakkuun maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun oomisha isaanii jalaa barbadeessuun beelaaf saaxilanii jiraachuu dubbatu.

