ONM-ABO Sadaasa 23, 2024
Hawaasa qaala’iinsi jireenyaa waxalaa jiru kaffaltii gosa garaa garaa itti dha’uun saamicha daangaa hin qabne irratti gaggeessaa kan oolan hidhattootni sirnichaa gochaa badii isaanii kana itti fufuun, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaatti maqaa jijjiirama inshuraansii fayyaa jedhuun sobanii maallaqa humnaa olii jiraattota harkaa funaannachaa jiraachuun dhagaa’ame.
Godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanichaa mara keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa Sadaasa 20, 2024 balbala namootaa irra deemanii waltajjii dirqiin jiraattota baasuun inshuraansiin fayyaa yeroo ammaa bifa jijjiirateera, qarshii guddaa kaffaltu, quba qabaadhaa! jijjiirrama maallaqa guuran kanaanis jijjiirrama inshuraansii fayyaa jechuunii dandeenya jechuun tooftaa ittiin jiraattota saaman addatti uummatanii jirus jedhan.
Akka jiraattotni aanichaa dubbisne jedhanitti, lukkeeleen Bilxiginnaa kun maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun waggaa tokko keessatti yeroo 3 fi isaa ol maallaqa keenya nu harkaa saamaa jiru, yeroo ammaa ammoo kan duriirraa adda, bifa jijjiirateera jedhanii nu doorsisuun saamicha nu irratti geggeessaa jiruu fi bara 2024 kana keessa marsaa ammaa waliin si’a 3’ffaa kaffalaa jirra jedhan jiraattotni nuti dubbifne.
Itti dabaluun akka jedhanitti, armaan dura baay’ina ijoollee keenyaa tilmaamuun qarshii 200-500 kaffalaa turre, amma garuu kan nama 1fi 2 qabus qixxeedhuma warra namoota baay’ee qabaniitti ilaalamuun qarshii 1350 hanga 3000 maqaa inshuraansiin kan duriirraa jijjiirameera (jijjiirrama inshuraansii fayyaa jedhuun) nu kaffalchiisaa jiru jechuun kaffaltii gosti itti baay’atee jireenya itti haadheessaa jiru kana miira abdii kutannaatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

