ONM-ABO Sadaasa 25, 2024
Rasaasni ujummoo qawwee loltoota PP keessaa bahu to’annoo seeraa kan hin qabne fi walii isaaniitii kan wal hin abboomne yoo ta’u, lafa barbaadanii fi iddoo fedhanitti namoota nagaa irratti rasaasa roobsuun ajjeesuu, qaama hir’uu gochuu akkasumas, qawween sodaachisanii saamuu fi hidhuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii Bulchiinsa Magaalaa Kobor keessatti hidhattoonni PP isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuu irra darbanii ijoolleen keessan miseensa WBO’ti jechuudhaan uummata magaalichaa jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti guuraa jiru.
Isaan keessaa kanneen maqaa arganne:
- Duulaa Asfawuu,
- Xahaa Kadiree,
- Nahimaa Maammudii,
- Bashir Hasan fi
- Obbo Hasan Liddii kan jedhaman qabdee hiitee akka daraaraa jirtu maddeen keenya ONM’tti dubbatan.
Kana malees maqaa isin maatii qabsaa’otaati jedhuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaa keessaa Sadaasa 24, 2024 nama maqaan isaa Obbo Fiqaaduu Tarfaasaa jedhamu jalaa sangoota lama saamanii deemuu maddeen ifoomsan.
Ganda Hofaa Faargashii jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa kun Sadaasa 21, 2024 shamarree maqaan ishee Daraartuu Nagaasaa jedhamtu badii tokko malee rasaasaan luqqeettuu ishee irra madeessuun yeroo amma kanas maatiin ishee godinichuma gara hospitaala aanaa Begii geessuun yaalchifachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, shamarreen kun ooyiruu maatii ishee irraa ancootee qotaa turuu himuun, waraanni sirnichaa ammoo sababa tokko malee gara ishee dhaquun “namatu si biraa fiigee nu dhokate” jechuun naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun maddeessuu dubbataniiru.
Kana malees, guyyuma kana ergamtoonni sirnichaa uummata gandichaa goolaa kan turan yoo ta’u, ganduma kana irraa shamarree maqaan ishee Roozaa Sayid Guddinaa jedhamtu ammoo “WBO’f odeessa kennita jechuun reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun, bilbila ishees harkaa fudhatanii deemuu maddeen itti dabaluun himaniiru.
