ONM-ABO Sadaasa 25, 2024
Aangawoonni shakkamtootni ajjeechaa lammii Moldovaa Zivi Kogan irratti hirmaatan sadii to’annaa jala oolchuu isaanii Ministeerri Biyya Keessaa UAE Dilbata darbe beeksiseera.
Maatii miidhamaa irraa gabaasa erga argataniin booda gareen barbaachaa fi qorannoo addaa ijaaramuu isaa Ejensiin Oduu Emirates ministeericha wabeeffachuun gabaaseera.
Kunis reeffi miidhamaa akka argamu, namoota yakka kana raawwatan adda baasuu fi to’annoo jala oolchuu, akkasumas hojimaatni seeraa barbaachisaa ta’e akka jalqabamu taasiseera. Kogan osoo hin ajjeefamin dura jiraataa ta’ee Yuunaayitid Arab Imireetis keessa jiraachaa ture.
Ministeerichi UAE’n nageenyaabfi tasgabbii hawaasa ishee miidhuuf yaalii godhamu kamiyyuu furuuf dandeettii hin raafamne qabaachuu ishee irra deebi’ee ibseera.
UAE fi dhaabbileen ishee nageenyaa fi tasgabbii lammiilee, jiraattotaa fi daawwattoota ishee eeguuf kutannoo guutuu akka qaban mirkaneesse jechuun Arabs news gabaaseera.

