• Fri. Mar 20th, 2026

Lammiin Israa’el 1 Libaanos irraa rookkeettii rukutameen miidhame

Nov 27, 2024

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Israa’elii fi Hizboollaa gidduutti hammeenyi itti fufuun, Dilbata darbe Libaanos irraa rookkeettii haaraa Hizboollaan furguggiseen lammiin Israa’el tokko madaa’uu isaa miidiyaaleen Israa’el beeksisaniiru.

Ibsi waraanaa akka agarsiisutti, rookkeetonni 30 dachee Libaanos irraa gara naannoo Galiilaa kaaba Israa’elitti dhukaafamuun naannoo sanatti saayirenii haleellaa qilleensaa kaase.

Raayyaan ittisa biyyaa akka jedhetti rookkeetonni kunneen tokko tokko kan cufaman yoo ta’u, kaan ammoo bakka banaa irratti dhiibbaa geessisaniiru.

Gaazexaan Israa’eel Hayom akka jedhetti rookkeetiin Lixa Galiilaa Ma’alot Tarshihaatti warshaa rukutee miidhaa qaqqabsiise. Dubartiin tokkos naannoo sanatti haleellaa rookkeettii irraan kan ka’e miidhaan salphaan irra gaheera.

Gareen Libaanos Hizboollaan haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuun, Ma’alot Tarshihaatti rookkeettii hedduun irratti xiyyeeffachuu ibse.

Israa’el Libaanos waliin lola daangaa qaxxaamuraa irratti bobba’uun dhuma baatii Fulbaanaa keessa duula qilleensaa kan Hizboollaa irratti xiyyeeffate jette irratti banuun ishee ni yaadatama.

Haleellaa Israa’el Libaanos keessatti raawwateen namoonni 3,600 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, Onkoloolessa darbe irraa eegalee namoonni 15,300 ol madaa’uu fi miliyoona 1 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu aanga’oonni fayyaa Libaanos beeksisaniiru.

Tel Aviv Onkoloolessa 1 haleellaa lafaa kibba Libaanos irratti banuun waldhabdee kana babal’isteetti jechuun miidiyaalee Baha Gidddu Galeessaa ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading