• Thu. Jul 30th, 2026

‘Akka barbaanne akka hin tarkaanfanne madaa mogolee kan nutti ta’e Shaneedha’ – Obbo Shimallis Abdiisaa BBC Afaan Oromoo Sadaasa 27, 2024

Nov 28, 2024

Waraana Bilisummaa Oromoo itti gaafatamaa taasisan.

‘Ofii hiikkachiisanii nuun maqaa baleessu’

Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa isaanii kanaan, waggoota arfan darban Naannoo Oromiyaa keessatti hidhattoonni WBO ummatarraa hidhannoo hiikun uummanni haleellaa hidhattoota irraa akka of hin ittisne taasisaniiru jedhan.

Hidhattooti garuu kana ni waakkatu.

Gorsaa olaanaa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan ta’an Obbo Jireenyaa Guddataa “mootummaan ofii hiikkachiisee nuun maqaa baleessa” jechuun BBCtti himan.

“Uummatarraa qawwee hiikkachiisee dararaan guddaan uummata kanarra akka gahu kan gochaa jiru mootummaafi warra mootummaa waliin qunnamtii qabaniidha,” jechuun taatee Horroo Guduruu keessatti ta’e jedhan akka fakkeenyatti kaasu Obbo Jireenyan.

“Fakkeenyaf, Horroo keessatti namni Faqqadaa jedhamu, garuummoo Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu himatu, ummatarraa qawwee hiikkachiisee borumtiisaa yommuu humnoonni finxaaleyyii kun Oromoorratti ajjeechafi dararaa gaggeessan yeroo itti agarretu jira,” jedhan.

Godinoota Oromiyaa adda addaatti hidhattoonni Faannoo kan mootummaan ‘finxaaleyyii’ jedhuun yeroo garaa garaatti ajjeechaafi namoota qe’eessanirraa buqqisuu BBCn jiraattotaafi maddeen garaa garaa waabeffachuun gabaasaa ture.

Ajjeechaafi dararaaf garuu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ‘Shanee’ jedhus himatu.

Dhiyeenyuma kana Godiina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti ajjeechaa suukaneessaa hidhattoota Faannotu raawwate jedhame viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuu hordofee dheekkamsa guddaa kaasee ture.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baasee tureen taatee Aanaa Darraatti raawwatame jedhameef “finxaaleyyii afaan Oromoofi Amaariffaa dubbatantu raawwate” jechuun hidhattoota Faannifi WBOtti quba qabe.

Obbo Shiimallis Abdiisaaa haasaa Naqamtetti taasisaniin ammoo Oromiyaatti mootummaan haleellaa lammiilee nagaarra gahuuf danqaa kan ta’e “ABO Shaneedha” jechuun “madaa mogolee itti ta’uu” dubbatan.

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo “waraanni mootummaa ummataaf yeroo birmatu karaatti eegee haleellaa gaggeesuun humna finxaaleyyii deeggara kana jedhan Obbo Shimallis, “qaamni mootummaa humna finxaaleyyii [hidhattoota Amaaraa] bira osoo hin gahin humna kanaan [hidhattoota WBO]tiin waraanama” jechuun humni nageenyaa mootummaa heddu “aarsaa kaffaluu” himan.

Gama biraan ammoo hidhattoonni “finxaaleyyii” naannoo Oromiyaa keessaa bakka tokko yoo qabatan, hidhattoonni WBO humnoota kana akka hin lolle himan Obbo Shimallis.

“Akka lafti Oromoo seeraa ala qabamu, akka qabeenyi keenya saamamu gochaa baate [hidhattoonni WBO],” jechuun humnoonni “finxaaleyyii Oromiyaa keessatti akka hiree qabaatan kan godhe WBO,” ta’uu kaasan.

‘WBOfi Faannoo gidduutti lolli akka banamu barbaadu’

Wantoota ittiin mootummaan hidhattoota WBO himatu keessaa tokko, hidhattoonni Faannoo yeroo uummatarratti haleellaa gaggeessan “uummataaf birmatee hin lolu” kan jedhuudha.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaan haleellaa kamiyyuu uummatarraa tiksuuf kan itti gaafatamummaa qabu mootummaa akka ta’e ibsa.

“Hojiin mootummaa inni jalqabaa uummataaf nagaa fiduu danda’uudha. Gaheesaaa bahachuu hin dandeenye. Waan gaheesaa bahachuu dadhabeef qaama qaanitti sababfachuu barbaadutu jira.

“Uummatarraa gibira funaanee ka’ee, akkan nagaa uummataa hin ittisneef ebeluufi ebelutu gufuu natti ta’e yoo jedhe hanqinni kanumasaati,” jedhan Obbo Jireenyaan.

Faannoo mootummaatu hidhachiise jechuun kan himatan Obbo Jireenyaan, “mootummaan hidhattoota WBOfi Faannoo gidduutti lolli akka banamu barbaada” jechuun tooftaa lolaa mootummaan qopheesse ta’uu kaasu.

“Faannoo hidhachiisanii bobbaasanii, nuun immoo yaada keenya garasitti akka cillaanfannu godhanii gidduu taa’anii ilaalanii boodarra mataa mataa keessa rukutuuf tooftaa lolaa tolfatan sanatti nama dhiibuf jiru jechuudha,” jechuun ibsu Obbo Jireenyaan.

Siwizarlaand, qorataafi barsiisaa dhimma Siyaas-dinagdee Gaanfa Afrika kan ta’an Dr. Assabee Raggaasa turtii BBC waliin taasisaniin, nageenya lammiileessaa tiksuun itti gaafatamummaa kan qabu mootummaa akka ta’e kaasu.

“Mootummaan jira kan jedhamu yoo nageenya lammilee biyyaa keessa jiranii qofaa utuu hin taanee kanneen biyyoota biraa jiran, lammii ta’an eeguu dandaa’edha,” jedhan.

Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa magaala Naqamteetti taasisan kanaan, hidhattoota WBOs ta’ee kan “finxaaleyyii” jedhaniin naannoo Oromiyaa keessaa baasuf tarkaanfii cimaa akka irratti fudhatan ibsaniiru.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cp35gprkpw2o

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading