• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jibaatitti ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha, reebichaa fi hidhaa jiraattota irratti raawwachuu cimsanii itti fufan

Dec 1, 2024

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Sirni faallaa heeraa fi seeraa akkasuma uummataa deemu gareen faashistii koloneel Abiy Ahimediin durfamu dingdee impaayerattii lolli inni geggeessaa jiru harkatti fixuun   qaala’iinsa jireenyaa uumameen wal qabatee waan ittiin jiraatan dhabuun saamicha irratti bobba’anii jiraachuun barameera.

Gareen uummata harka qullaatti hambisee impaayera jiguu geesse suphuuf dhama’aa jiru kun, Lixa Shaggar aanaa Jibaat ganda Muunyoo Abbayyii iddoo addaa Wanjii jedhamu keessaa Sadaasa 19, 2024 ergamtoonni uummata Oromoo saamuun jiraatan loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Darajjee Urgeessaa jedhamu jalaa qabeenyaa isaa kan ta’e tokko osoo hin hambisin jalaa yoo saaman, dubartii maqaan ishee Aadde Biraanee Kitaabaa jedhamtu jalaas horii hedduu ooffachuun lama ammoo bakkichumatti qalatanii nyaachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Kana malees ergamtoonni kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun, ganduma kana bakka addaa Oddoo jedhamu irraa ammoo shamarran maqaan isaanii Biraanee Lachiisaa fi Faantuu Lachiisaa jedhaman reebicha hamaa qaama laalessu irratti raawwachuun, qabeenya isaaniis hoolota 30 jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun himan.

Ganduma Muunyoo Abbayyii iddoo addaa Oomii jedhamuu ammoo Sadaasa 18, 2024 namoota maqaan isaanii Obbo Baqqalaa Camadaa fi Taaffasaa Magarsaa kanneen jedhaman badii tokko malee qabuun  hidhaatti darbataniiru.

Ergamtoota sirnichaan hidhaan jabaatee ittuma fufuun ganda Gaamoo Jibaat bakka addaa Luuccoo jedhamu irraas Obbo Daanyee Gattaraa fi Alamaayyoo Gattaraa jedhamanis qabanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni dararaa ulfaataan kun irra gahe hundi badii qabaataniif osoo  hin taane, sababa Oromummaa isaanii qofaaf maqaa “WBO deggertuu fi isin maatii qabsaa’otaati” jedhuun dararamaa jiraachuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading