• Sat. Oct 10th, 2026

Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti milishaan sirnichaa dargaggeessa tokko yoo madeessu, Aanaa Billoo Bosheetti ammoo dubartii tokko ajjeesuun daa’ima umurii 5 gadii madeessuun himame

Dec 1, 2024

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa kayyoo fi akeeka qawwee baataniif illee kan hin beeknee fi leenjii waraanaa ga’aa kan hin qabne qawwee Bilxiginnaan itti kenneen hawaasa nagaa irbaata rasaasaa gochaa oolu.

Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 05 irraa Sadaasa 23, 2024 milishaan PP tokko dargaggoo maqaan isaa Nuuranaa Biraanuu jedhamu halkan keessaa toora sa’a 9:00’tti mana fincaanii dhaquuf mana keessaa wayita gadi ba’utti milishaan PP jiraataa ollaa dargaggoo kanaa ta’e tokko ammoo hawaasa kan biroo ollaa isaa jiraatu waliin yerooma sanatti gadi ba’uun, namichi ollaa milishaa sanaa rukuti qaamni kun diina wayita ittiin jedhu, milishaan kunis dhukaasa banee madoo ulfaataa taasisuun halkanuma sana maatiin isaa gara Hospitaala Riiferaala magaalaa Naqamtee geessaniiru.

Erga achi ga’ees ogeessonni fayyaa gara kutaa baqaqsanii yaaluutti ajajuun yeroo ammaa kanas du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees godinuma kana aanaa Gudayyaa Biilaa bulchiinsa magaalaa Jaree ganda 01 keessatti Sadaasa 24, 2024 poolisiin sirnichaa tokko dargaggoo maqaan isaa ammaaf adda hin baane tokko piistoo qabda jechuun to’atee osoo deemaa jiruu, wayita dargaggoon kun dagachiisee harkaa fiigee badutti poolisiin kun dhukaasaan lafa macheessuun dubartii maqaan ishee Aadde Raajii Addaamuu jedhamtu battalumatti yoo galaafatu, daa’imman umuriin isaanii shanii gadi ta’e 3 kanneen maqaan isaanii hin eeramne ammoo madoo ulfaataa madeessuun hanga  gabaasni kun qindaa’etti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading